Hundeeffama Wiirtuu Gahumsa Ogummaa Oromiyaa: Biyyi keenya Tarsiimoo Barnootaa fi Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa haaraa Sirna BLTO bu’aa irratti xiyyeefate waxabajjii 1999 paarlaamaan labsuun ni beekama. Mootummaan Naannoon Oromiyaatis Sirna BLTO bu’aa irratti xiyyeefate kana guutummaan guututti hojiirra oolchuuf bara 2000tti caasaa Ejensii Barnootaa fi Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa Oromiyaa hundeessee jira.Bu’uuruma kanaan Wiirtuun Gahumsa Ogummaa Oromiyaa bara 2000tti aangoo labsii Ejensii BLTO Oromiyaatiif kenneme irratti hundaa’uun gurmaa’ee ture.Wiirtuun Gahumsa Ogummaa Oromiyaa caasaa isaa guuttachuun bara 2001tti sirna madaallii ogummaa biyya keenyaaf haaraa ta’e sadarkaa ogummaa irratti hundaa’uun ogeessoota biyya alaatiin deggaramee hojiirra oolchuu jalqabee ture
Ce’umsa Wiirtuu Gahumsa Ogummaa Oromiyaa gara Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaatti:Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa kanaan dura Wiirtuu Madaallii Gahumsa Ogummaa Oromiyaa jedhamuun beekamu hanga xumura bara 2007tti Komishinii BLTO Oromiyaa jalatti gurmaa’ee hojjetaa tureera. Haa ta’u malee kaabineen Mootummaaa Naannoo Oromiyaa manni hojii kun of danda’ee gurmaa’uu akka qabu waan itti amaneef, walgahii Waxabajjii 12, 2007 taa’een Dambii Lakkoofsa 173/2007tiin Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa hundeesseera. Itti waamamni Ejensichaatis Waajjira Pirezedantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatif ta’ee, hojimaata bulchiinsa Ejensichaa dhiheenyatti yeroo yeroon hordofuu fi deggeruun barbaachisaa waan ta’eef boordiin abbummaan Ejensii kana hogganu dambichaan hundaa’ee jira. Hoggansi Ejensichaas gurmaa’insa haaraa kana waliin kan walsimu caasaa humna namaa fi baajata barbaachisu mirkaneesifachuun hojii isaa bifa haaraan jalqabee jira. Teessoon Waajjirra muummee Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa magaalaa Adaamaa yoo ta’u, bara 2008 kanatti Ejensichi aangoo dambiin kennameef irratti hundaa’uun caasaa isaa sadarkaa Oromiyaatti qofa rarra’ee ture gara hawaasaatti gadi buusuuf dameewwan jaha godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti gurmeessuun humna namaa guutuu irratti argama.Haaluma kanaan, dameewwan Ejensichaa jahan caasaan isaanii gurma’aa jiran: